Skip to content
Text size 100%
Translation comparison

Compare Muhammad Quran translations

Compare up to three verified translation editions verse by verse, including editions in two different languages.

Oromo editions (choose up to 3)

Changing languages or editions keeps the current surah and verse.

بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ وَصَدُّوا۟ عَن سَبِيلِ ٱللَّهِ أَضَلَّ أَعْمَٰلَهُمْ ﴿1﴾

Oromo Translation - Gali Ababor

Warra kafaranii, karaa Rabbii irraa [namoota] deebisan [Rabbiin] hojiiwwan isaanii balleesseera.

وَٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ وَعَمِلُوا۟ ٱلصَّٰلِحَٰتِ وَءَامَنُوا۟ بِمَا نُزِّلَ عَلَىٰ مُحَمَّدٍۢ وَهُوَ ٱلْحَقُّ مِن رَّبِّهِمْ ۙ كَفَّرَ عَنْهُمْ سَيِّـَٔاتِهِمْ وَأَصْلَحَ بَالَهُمْ ﴿2﴾

Oromo Translation - Gali Ababor

Warra amananii, dalagaa gaggaarii hojjatanii, waan Muhammad irratti buufametti amanan, ‘inni dhugaa Gooftaa isaanii irraa ta’e’ , (Rabbiin) diliilee isaanii isaan irraa haqe, haala isaaniis tolche.

ذَٰلِكَ بِأَنَّ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ ٱتَّبَعُوا۟ ٱلْبَٰطِلَ وَأَنَّ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ ٱتَّبَعُوا۟ ٱلْحَقَّ مِن رَّبِّهِمْ ۚ كَذَٰلِكَ يَضْرِبُ ٱللَّهُ لِلنَّاسِ أَمْثَٰلَهُمْ ﴿3﴾

Oromo Translation - Gali Ababor

Kun waan warri kafaran dhara (bu’ura hin qabne) hordofaniifi, warri amanan immoo dhugaa Gooftaa isaanii irraa ta’e hordofaniifi. Akka kanatti Rabbiin fakkeenyota isaanii ilma namaatiif ibsa.

فَإِذَا لَقِيتُمُ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ فَضَرْبَ ٱلرِّقَابِ حَتَّىٰٓ إِذَآ أَثْخَنتُمُوهُمْ فَشُدُّوا۟ ٱلْوَثَاقَ فَإِمَّا مَنًّۢا بَعْدُ وَإِمَّا فِدَآءً حَتَّىٰ تَضَعَ ٱلْحَرْبُ أَوْزَارَهَا ۚ ذَٰلِكَ وَلَوْ يَشَآءُ ٱللَّهُ لَٱنتَصَرَ مِنْهُمْ وَلَٰكِن لِّيَبْلُوَا۟ بَعْضَكُم بِبَعْضٍۢ ۗ وَٱلَّذِينَ قُتِلُوا۟ فِى سَبِيلِ ٱللَّهِ فَلَن يُضِلَّ أَعْمَٰلَهُمْ ﴿4﴾

Oromo Translation - Gali Ababor

Yeroo warra kafare qunnamtan mormoota dhawaa. hanga yeroo isaan dadhabsiiftanitti (isaan baay’ee ajjeeftanitti), hidhaa jabeessaa. Sana booda isaan irratti tola oolaa yookiin waa irraa fudhaa, hanga lolli qara (ho’a) ishee dhiiftutti (kana godhaa). Dubbiin kana, Rabbiin odoo fedhee isaan irraa haaloo bahata. Garuu (isaaniin loluutti wanni isin ajajeef) garii keessan gariin mokkoruuf jecha. Warra karaa Rabbii keessatti ajjeefaman hojii isaanii hin balleessu.

سَيَهْدِيهِمْ وَيُصْلِحُ بَالَهُمْ ﴿5﴾

Oromo Translation - Gali Ababor

Fuulduratti isaan ni qajeelcha; haala isaaniis ni tolcha.

وَيُدْخِلُهُمُ ٱلْجَنَّةَ عَرَّفَهَا لَهُمْ ﴿6﴾

Oromo Translation - Gali Ababor

Jannata isaan seensisa; ishee isaanitti beeksisa.

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓا۟ إِن تَنصُرُوا۟ ٱللَّهَ يَنصُرْكُمْ وَيُثَبِّتْ أَقْدَامَكُمْ ﴿7﴾

Oromo Translation - Gali Ababor

Yaa warra amantan! Yoo (diin) Rabbii tumsitan, Inni isinii tumsa. Faannaan keessanis gadi dhaaba.

وَٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ فَتَعْسًۭا لَّهُمْ وَأَضَلَّ أَعْمَٰلَهُمْ ﴿8﴾

Oromo Translation - Gali Ababor

Warri kafaran badiin isaaniif ta’aadha. (Rabbiin) dalagaalee (hojii) isaanii ni balleessa.

ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمْ كَرِهُوا۟ مَآ أَنزَلَ ٱللَّهُ فَأَحْبَطَ أَعْمَٰلَهُمْ ﴿9﴾

Oromo Translation - Gali Ababor

Kun waan isaan waan Rabbiin buuse (Qur’aana) jibbaniifi. Kanaafuu (Rabbiin) dalagaa isaanii balleesse.

۞ أَفَلَمْ يَسِيرُوا۟ فِى ٱلْأَرْضِ فَيَنظُرُوا۟ كَيْفَ كَانَ عَٰقِبَةُ ٱلَّذِينَ مِن قَبْلِهِمْ ۚ دَمَّرَ ٱللَّهُ عَلَيْهِمْ ۖ وَلِلْكَٰفِرِينَ أَمْثَٰلُهَا ﴿10﴾

Oromo Translation - Gali Ababor

Sila dachii keessa deemanii hin ilaallee booddeen warra isaan duraa akkam akka ta’e? Rabbiin isaan barbadeesse. Kaafirootaaf fakkaattuun ishee taatuudha.

ذَٰلِكَ بِأَنَّ ٱللَّهَ مَوْلَى ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ وَأَنَّ ٱلْكَٰفِرِينَ لَا مَوْلَىٰ لَهُمْ ﴿11﴾

Oromo Translation - Gali Ababor

Kun waan Allaahn gargaaraa warra amananii ta’eefi kaafiroonni immoo gargaaraan isaaniif hinjiru.

إِنَّ ٱللَّهَ يُدْخِلُ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ وَعَمِلُوا۟ ٱلصَّٰلِحَٰتِ جَنَّٰتٍۢ تَجْرِى مِن تَحْتِهَا ٱلْأَنْهَٰرُ ۖ وَٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ يَتَمَتَّعُونَ وَيَأْكُلُونَ كَمَا تَأْكُلُ ٱلْأَنْعَٰمُ وَٱلنَّارُ مَثْوًۭى لَّهُمْ ﴿12﴾

Oromo Translation - Gali Ababor

Rabbiin warra amananii, hojiiwwan gaggaarii hojjatan jannatoowwan laggeen ishee keessa yaa’u seensisa. Warri kafaran immoo (addunyaa irratti) qanani’aniiti, akkuma beelladoonni nyaatanitti nyaachaa (jiraatan). Ibiddi bakka jireenya isaaniiti.

وَكَأَيِّن مِّن قَرْيَةٍ هِىَ أَشَدُّ قُوَّةًۭ مِّن قَرْيَتِكَ ٱلَّتِىٓ أَخْرَجَتْكَ أَهْلَكْنَٰهُمْ فَلَا نَاصِرَ لَهُمْ ﴿13﴾

Oromo Translation - Gali Ababor

Baay’ee magaalotaa, kan magaalaa tee ishee (of irraa) si baafte (Makkaan) irra ciccimoo ta’an balleessinee jirra. Homaa tumsaan isaaniif hin jiru.

أَفَمَن كَانَ عَلَىٰ بَيِّنَةٍۢ مِّن رَّبِّهِۦ كَمَن زُيِّنَ لَهُۥ سُوٓءُ عَمَلِهِۦ وَٱتَّبَعُوٓا۟ أَهْوَآءَهُم ﴿14﴾

Oromo Translation - Gali Ababor

Sila inni ragaa (ifa ba’aa) Gooftaa isaa irraa ta’e irra jiru akka nama dalagaan hamtuun isaa isaaf miidhagfamee nitahee? kan fedha lubbuu isaanii hordofan.

مَّثَلُ ٱلْجَنَّةِ ٱلَّتِى وُعِدَ ٱلْمُتَّقُونَ ۖ فِيهَآ أَنْهَٰرٌۭ مِّن مَّآءٍ غَيْرِ ءَاسِنٍۢ وَأَنْهَٰرٌۭ مِّن لَّبَنٍۢ لَّمْ يَتَغَيَّرْ طَعْمُهُۥ وَأَنْهَٰرٌۭ مِّنْ خَمْرٍۢ لَّذَّةٍۢ لِّلشَّٰرِبِينَ وَأَنْهَٰرٌۭ مِّنْ عَسَلٍۢ مُّصَفًّۭى ۖ وَلَهُمْ فِيهَا مِن كُلِّ ٱلثَّمَرَٰتِ وَمَغْفِرَةٌۭ مِّن رَّبِّهِمْ ۖ كَمَنْ هُوَ خَٰلِدٌۭ فِى ٱلنَّارِ وَسُقُوا۟ مَآءً حَمِيمًۭا فَقَطَّعَ أَمْعَآءَهُمْ ﴿15﴾

Oromo Translation - Gali Ababor

Fakkeenyi jannata warra Rabbiin sodaatan waadaa galamanii (akka kana): ishee keessa laggeen bishaan hin xiraahin irraa ta’etu jira, (akkasuma) laggeen aannan dhandhamni isaa hin jijjiiramin irraa ta’e, laggeen daadhii namoota dhuganiif mi’aayaa ta’e irraa ta’eefi laggeen damma qulqulleeffame (nadhii) irraa (ta’etu jira). Ammas isaaniif ishee (jannata) keessa fuduraalee hundaafi araarama Gooftaa isaanii irraa ta’etu jira. (Sila isaan kun) akka namoota ibidda keessa yeroo hunda jiraataniifi bishaan danfaa obaafamanii, inni marrimaan isaanii cicciruutii? (lakki jarru sun akka jara kanaatii miti).

وَمِنْهُم مَّن يَسْتَمِعُ إِلَيْكَ حَتَّىٰٓ إِذَا خَرَجُوا۟ مِنْ عِندِكَ قَالُوا۟ لِلَّذِينَ أُوتُوا۟ ٱلْعِلْمَ مَاذَا قَالَ ءَانِفًا ۚ أُو۟لَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ طَبَعَ ٱللَّهُ عَلَىٰ قُلُوبِهِمْ وَٱتَّبَعُوٓا۟ أَهْوَآءَهُمْ ﴿16﴾

Oromo Translation - Gali Ababor

Isaan irraa namoota si dhaggeeffatee hanga yeroo si biraa gadi bahanii nijedhan warra beekkumsa kennamaniin “reefu maal jedhe?”. Isaan sun warra qalbiilee isaanii irratti Rabbiin cufee, fedhiilee isaanii hordofan.

وَٱلَّذِينَ ٱهْتَدَوْا۟ زَادَهُمْ هُدًۭى وَءَاتَىٰهُمْ تَقْوَىٰهُمْ ﴿17﴾

Oromo Translation - Gali Ababor

Isaan qajeelan (Rabbiin) qajeeluma isaaniif dabalee, sodaa isaanii isaaniif kenne.

فَهَلْ يَنظُرُونَ إِلَّا ٱلسَّاعَةَ أَن تَأْتِيَهُم بَغْتَةًۭ ۖ فَقَدْ جَآءَ أَشْرَاطُهَا ۚ فَأَنَّىٰ لَهُمْ إِذَا جَآءَتْهُمْ ذِكْرَىٰهُمْ ﴿18﴾

Oromo Translation - Gali Ababor

Sila ni eeganii Qiyaaman tasa isaanitti dhufuu malee? Mallattooleen ishee dhufe. Yeroo isheen isaanitti dhufte gorfamuun isaanii akkamitti isaaniif ta’a?

فَٱعْلَمْ أَنَّهُۥ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا ٱللَّهُ وَٱسْتَغْفِرْ لِذَنۢبِكَ وَلِلْمُؤْمِنِينَ وَٱلْمُؤْمِنَٰتِ ۗ وَٱللَّهُ يَعْلَمُ مُتَقَلَّبَكُمْ وَمَثْوَىٰكُمْ ﴿19﴾

Oromo Translation - Gali Ababor

Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan biraa hinjiruu beeki; dilii teetiif araarama (Rabbii) kadhu; mu’uminoota dhiiraafi dubartootaatiifis (kadhu). Rabbiin sochii keessaniifi qubannoota keessanis ni beeka.

وَيَقُولُ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ لَوْلَا نُزِّلَتْ سُورَةٌۭ ۖ فَإِذَآ أُنزِلَتْ سُورَةٌۭ مُّحْكَمَةٌۭ وَذُكِرَ فِيهَا ٱلْقِتَالُ ۙ رَأَيْتَ ٱلَّذِينَ فِى قُلُوبِهِم مَّرَضٌۭ يَنظُرُونَ إِلَيْكَ نَظَرَ ٱلْمَغْشِىِّ عَلَيْهِ مِنَ ٱلْمَوْتِ ۖ فَأَوْلَىٰ لَهُمْ ﴿20﴾

Oromo Translation - Gali Ababor

Warri amanan “odoo suuraan (jihaada ajajju) buufamtee maal qaba?” jedhu. Yeroo Suuraan heera tumtu buufamtee ishee keessatti lolli dubbatame, warra onneewwan isaanii keessa dhukkubni jiru - ilaalcha nama machii du’aa isa gaggabsee- kan gara kee ilaalan argita. Badiin isaaniif haa ta’u.

طَاعَةٌۭ وَقَوْلٌۭ مَّعْرُوفٌۭ ۚ فَإِذَا عَزَمَ ٱلْأَمْرُ فَلَوْ صَدَقُوا۟ ٱللَّهَ لَكَانَ خَيْرًۭا لَّهُمْ ﴿21﴾

Oromo Translation - Gali Ababor

Ajaja fudhachuufi jecha gaariitu (isaaniif caala). Yeroo dhimmichi murtaa’e odoo Rabbitti dhugaa haasa’anii irra isaaniif caala ture.

فَهَلْ عَسَيْتُمْ إِن تَوَلَّيْتُمْ أَن تُفْسِدُوا۟ فِى ٱلْأَرْضِ وَتُقَطِّعُوٓا۟ أَرْحَامَكُمْ ﴿22﴾

Oromo Translation - Gali Ababor

Sila yoo duubatti deebitan dachii keessatti badii hojjachuufi firooma keessan muruu kajeeltanii?

أُو۟لَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ لَعَنَهُمُ ٱللَّهُ فَأَصَمَّهُمْ وَأَعْمَىٰٓ أَبْصَٰرَهُمْ ﴿23﴾

Oromo Translation - Gali Ababor

Isaan sun warra Rabbiin isaan abaaree gurra isaaniis duuchee ijoowwan isaanii jaamseedha.

أَفَلَا يَتَدَبَّرُونَ ٱلْقُرْءَانَ أَمْ عَلَىٰ قُلُوبٍ أَقْفَالُهَآ ﴿24﴾

Oromo Translation - Gali Ababor

Sila Qur’aana hin xiinxalanii? Moo onneewwan isaanii irra cufaa isheetu jira?

إِنَّ ٱلَّذِينَ ٱرْتَدُّوا۟ عَلَىٰٓ أَدْبَٰرِهِم مِّنۢ بَعْدِ مَا تَبَيَّنَ لَهُمُ ٱلْهُدَى ۙ ٱلشَّيْطَٰنُ سَوَّلَ لَهُمْ وَأَمْلَىٰ لَهُمْ ﴿25﴾

Oromo Translation - Gali Ababor

Isaan duubatti garagalan erga karaan qajeelaan isaaniif ibsame booda, sheyxaanatu (hojii gadhee) isaanitti bareechee hamilee isaanitti godhe.

ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمْ قَالُوا۟ لِلَّذِينَ كَرِهُوا۟ مَا نَزَّلَ ٱللَّهُ سَنُطِيعُكُمْ فِى بَعْضِ ٱلْأَمْرِ ۖ وَٱللَّهُ يَعْلَمُ إِسْرَارَهُمْ ﴿26﴾

Oromo Translation - Gali Ababor

Kun waan isaan warra waan Rabbiin buuse jibbaniin “dhimma garii keessatti ajaja keessan fudhanna” jedhaniif. Rabbiin iccitii isaanii ni beeka.

فَكَيْفَ إِذَا تَوَفَّتْهُمُ ٱلْمَلَٰٓئِكَةُ يَضْرِبُونَ وُجُوهَهُمْ وَأَدْبَٰرَهُمْ ﴿27﴾

Oromo Translation - Gali Ababor

Akkam tahuu taa’an Yeroo maleeykonni isaan ajjeeftu, fuulleen isaaniitiifi dugdowwan isaanii tumaadhaa?

ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمُ ٱتَّبَعُوا۟ مَآ أَسْخَطَ ٱللَّهَ وَكَرِهُوا۟ رِضْوَٰنَهُۥ فَأَحْبَطَ أَعْمَٰلَهُمْ ﴿28﴾

Oromo Translation - Gali Ababor

Kun waan isaan waan Rabbiin dallansiisu hordofaniifii jaalala Isaa (Rabbii) jibbaniifi. (Rabbiin) dalagaalee isaanii balleesse.

أَمْ حَسِبَ ٱلَّذِينَ فِى قُلُوبِهِم مَّرَضٌ أَن لَّن يُخْرِجَ ٱللَّهُ أَضْغَٰنَهُمْ ﴿29﴾

Oromo Translation - Gali Ababor

Sila warri onneewwan isaanii keessa dhukkubni jiru Rabbiin jibbansa (garaa isaanii keessa jiru) hin baasuu yaadanii?

وَلَوْ نَشَآءُ لَأَرَيْنَٰكَهُمْ فَلَعَرَفْتَهُم بِسِيمَٰهُمْ ۚ وَلَتَعْرِفَنَّهُمْ فِى لَحْنِ ٱلْقَوْلِ ۚ وَٱللَّهُ يَعْلَمُ أَعْمَٰلَكُمْ ﴿30﴾

Oromo Translation - Gali Ababor

Odoo feenee isaan sitti argisiifneeti, mallattoolee isaanitiin isaan beekta. Ergaa jechootaatiinis isaan ni beekta. Rabbiin dalagaalee keessan ni beeka.

وَلَنَبْلُوَنَّكُمْ حَتَّىٰ نَعْلَمَ ٱلْمُجَٰهِدِينَ مِنكُمْ وَٱلصَّٰبِرِينَ وَنَبْلُوَا۟ أَخْبَارَكُمْ ﴿31﴾

Oromo Translation - Gali Ababor

Isin mokkorra Hanga beeknutti (adda baafnutti) nqabsaa’otaafi obsitoota isin irraa tahan. oduulee keessanis nimokkorra (adda baafna).

إِنَّ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ وَصَدُّوا۟ عَن سَبِيلِ ٱللَّهِ وَشَآقُّوا۟ ٱلرَّسُولَ مِنۢ بَعْدِ مَا تَبَيَّنَ لَهُمُ ٱلْهُدَىٰ لَن يَضُرُّوا۟ ٱللَّهَ شَيْـًۭٔا وَسَيُحْبِطُ أَعْمَٰلَهُمْ ﴿32﴾

Oromo Translation - Gali Ababor

Isaan kafaranii karaa Rabbii irraa (nama) dhorgan, erga karaan qajeelaan isaaniif ifa ta’e booda ergamaa (Rabbii) didan, homaa Rabbiin hin miidhanu (Rabbiin) dalagaalee isaanii balleessuuf jira.

۞ يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓا۟ أَطِيعُوا۟ ٱللَّهَ وَأَطِيعُوا۟ ٱلرَّسُولَ وَلَا تُبْطِلُوٓا۟ أَعْمَٰلَكُمْ ﴿33﴾

Oromo Translation - Gali Ababor

Yaa warra amantan! Rabbiif ajajamaa; ergamaa (Isaatifis) ajajamaa; dalagaawwan keessan hin balleessinaa.

إِنَّ ٱلَّذِينَ كَفَرُوا۟ وَصَدُّوا۟ عَن سَبِيلِ ٱللَّهِ ثُمَّ مَاتُوا۟ وَهُمْ كُفَّارٌۭ فَلَن يَغْفِرَ ٱللَّهُ لَهُمْ ﴿34﴾

Oromo Translation - Gali Ababor

Isaan kafaranii (namoota) karaa Rabbii irraa dhorgan, ergasii kafaroo ta’anii du’an, Rabbiin isaaniif hin araaramu.

فَلَا تَهِنُوا۟ وَتَدْعُوٓا۟ إِلَى ٱلسَّلْمِ وَأَنتُمُ ٱلْأَعْلَوْنَ وَٱللَّهُ مَعَكُمْ وَلَن يَتِرَكُمْ أَعْمَٰلَكُمْ ﴿35﴾

Oromo Translation - Gali Ababor

Hin dadhabinaa; gara araaramaatti hin waaminaa. isintu injifatoodha. Rabbiin isin waliin jira; dalagaalee keessan isin irraa hin hir’isu.

إِنَّمَا ٱلْحَيَوٰةُ ٱلدُّنْيَا لَعِبٌۭ وَلَهْوٌۭ ۚ وَإِن تُؤْمِنُوا۟ وَتَتَّقُوا۟ يُؤْتِكُمْ أُجُورَكُمْ وَلَا يَسْـَٔلْكُمْ أَمْوَٰلَكُمْ ﴿36﴾

Oromo Translation - Gali Ababor

Jireenyi addunyaa taphaafi dagduudha, Yoo amantanii Rabbiin sodaattan mindaalee keessan isiniif kenna; qabeenya keessan isin hin gaafatu.

إِن يَسْـَٔلْكُمُوهَا فَيُحْفِكُمْ تَبْخَلُوا۟ وَيُخْرِجْ أَضْغَٰنَكُمْ ﴿37﴾

Oromo Translation - Gali Ababor

Yoo ishee isin gaafatee (gaafii) isinitti bay’ise isin ni dhorgattu turtan; Innis (Rabbiinis) gadoo keessan ni baasa.

هَٰٓأَنتُمْ هَٰٓؤُلَآءِ تُدْعَوْنَ لِتُنفِقُوا۟ فِى سَبِيلِ ٱللَّهِ فَمِنكُم مَّن يَبْخَلُ ۖ وَمَن يَبْخَلْ فَإِنَّمَا يَبْخَلُ عَن نَّفْسِهِۦ ۚ وَٱللَّهُ ٱلْغَنِىُّ وَأَنتُمُ ٱلْفُقَرَآءُ ۚ وَإِن تَتَوَلَّوْا۟ يَسْتَبْدِلْ قَوْمًا غَيْرَكُمْ ثُمَّ لَا يَكُونُوٓا۟ أَمْثَٰلَكُم ﴿38﴾

Oromo Translation - Gali Ababor

Isin warri kun dhaga’aa! Karaa Rabbii keessatti arjoomuuf waamamtu. Isin irraa nama doynoomuutu jira. Namni doynoome kan inni dooynoomu lubbuma isaa irratti. Rabbiin dureessa; isin hiyyeeyyiidha. Yoo garagaltan, (Rabbiin) namoota biraa kan isin hin ta’in bakka keessan buusa. Isaan ergasii akka keessan hin ta’an.

Quran recitationReady
Open audio